Ambaasaaddar Shifarraaw dura taa’aa Mana Maree Birmadummaa Sudaan waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Ambaasaaddar Shifarraaw Jaarsoo dura taa’aa Mana Maree Birmadummaa Sudaan Leetanaal Jeeneral Abdal Fattaah Abdalraahimaan Burihaan waliin mari’atan.
Ambaasaaddar Shifarraaw Jaarsoo yeroo hojii isaanii Sudaan xumuuruun walqabsiisee gaggeessaan dura taa’aa Mana Maree Birmadummaa Sudaan Leetanaal Jeeneraal Abdal Fattaah Abdalraahimaan taasifameeraaf.
Wayita gaggeessichaa marii taasifameen Leetanaal Jeeneraal Abdal Fattaah, hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan caalmaatti cimaa dhufuu fi yeroo garaagaraatti faayidaa waliiif tumsaan hojjechuu ibsaniiru.
Rakkoowwan naannoo daangaatti muul’atan muuxannoo mariin hiikuu isaanii ciminaan akka itti fufan himaniiru.
Ambaasaaddar Shifarraaw Jaarsoo turtii isaanii Sudaanin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf shoora olaanaa taasisaniif galateeffataniiru.
Dabalataan mootummaan cee’umsaa Sudaan akka hundaa’uf shoora muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ba’aa turaniifis dinqisiifachuu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Shifarraaw Jaarsoo gama isaanitiin, turtii Sudaan itti taasisaniin obboleessa ta’uufin ummattoota Sudaanii fi hoggantoota hojii olaanoo milkii hojii isaaniif gargaaraa turaniis galateeffataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.