Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan walga’ii Ministirootaa Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaarratti hirmaatan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC) – Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen walga’ii Ministirootaa Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa Intarneetiin gaggeeffameerratti hirmaatan.
Walga’iin Ministirootaa Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa mata duree, Dubartoonni nageenyaaf, aadaa fi hirmaachisummaa dubartootaa Afrikaatti’ jedhuun sadarkaa Ministirootaatti har’a gaggeeffameera.
Ityoophiyaan waggoottaan sadan darbanitti sadarkaa federaalaa fi naannoootti dubartoota hoggansa olaanaa keessatti hirmaachisuu Ambaasaaddar Reedwaan ibsaniiru.
Akkasumas dubartoonni hedduun nageenya kabachiisuu keessatti hirmaachuun isaanii hojmaata boonsaa ta’uu kaasaniiru.
Sababa weerara vaayrasii koroonaan dubartoonni dhiibbaa diinagdee, barnootarraa akka fagaatan, umrii malee bultii akka jiraanii fi mana keessatti haleellaa garaagaraaf saaxilamuu ibsaniiru.
Bu’aa jajjabeessaan kana dura argame duubaatti akka hin deebine xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qooda dubartoonni gumaachaniif beekkamtii laachuun murteessaa ta’uu hubachiisuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
0
People Reached
0
Engagements
Boost Post
Like

Comment
Share
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.