Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan jila Paartii Yuunaayiiid Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen jila Paartii ‘Yuunaaytiid Raashiyaa’ waliin mari’ataniiru.
Jilli itti aanaa itti gaafatamaan hariiroo idil addunyaa Paartii ‘Yuunaayitiid Raashiyaa’ Andiree Kiliimooviin durfamu Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasiiseera.
Jilli kun haala hariiroo siyaasaa biyyoota lamaanii guddisuun danda’amurratti marii taasiiseera.
Dabalataan jilichi Waajjira Paartii Bdhaadhinaatti itti gaafatamaa qunnanmtii ummataa fi hariiroo idil addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa waliin dhimmoota garaagaraatti marii taaiiseera.
Paartiin Badhaadhinaa Paartii ‘Yuunaayitiid Raashiyaa’ waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.
Jilli itti aanaa itti gaafatamaan hariiroo idil addunyaa Paartii ‘Yuunaayitiid Raashiyaa’ Andiree Kiliimooviin durfamu daawwannii hojii guyyoota sadiif Finfinnee galuu isaa Imbaasiin Raashiyaa beeksiisee ture.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.