Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen jila Ministir Deetaa ministira Alaa Noorweey Dooktar Heeniriik Tuuniin durfamu waliin mari’atan

Finfinnee,Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Tattaaffiin hawaasni idil addunyaa yakka gareen Shororkeessaa ABUT raawwate golguuf taasiisu walitti bu’iinsicha karaa nagaan furuuf hin dandeessiisu jedhan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen jila kana waliin dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo seenaa qabeessa bara dheeraa lakkoofsiise qabaachuu Ambaasaaddar Reedwaan ibsuun, deeggarsa mootummaan Noorweey misooma magariisaa Ityoophiyaaf taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen walitti bu’iinsa biyyattiitti uumameef ka’umsi garee shororkeessaa ABUT ta’uu jilichaaf ibsa taasiisaniiru.
Hawaasni idil addunyaa dhugaa kan hubachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti uumame karaa nagaan furuuf hojjechaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.
Walitti bu’iinsa uumame waaraan furuuf haleellaa garichi raawwatee fi raawwachaa jiru ifatti balaaleffachuu fi tarkaanfii seera qabeessa mootummaan fudhachaa jiru deeggaruun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Hawaasni idil addunyaa gochaa badii garee ABUT osoo arguu akka hin argarreetti callisa filachuun walitti bu’iinsichaaf furmaata kan hin taane ta’uu ibsaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Alaa Dooktar Heeniriik Tuun gama isaaniin mootummaan Noorweey tarkaanfii karaa nagaa mootummaan Ityoophiyaa fudhachaa jiru kan dinqisiifatu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.