Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gitasaanii Kooriyaa Kibbaa Kiim Waan Juung Waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gitasaanii Kooriyaa Kibbaa Kiim Waan Juung Waliin dhimmoota diinagdee,  hawaasummaa fi aadaarratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa bara faranjootaa 1963 irraa eegalee hariiroo cimaa qabaachuu Ambaasaaddar Reedwaan yaadachiisaniiru.

Hariiroo kana daran cimsuun hojii mootummaan Ityoophiyaa ijaarsa diimokiraasii fi hiyyummaa hir’isuurratti hojjechaa jiru biyyisaanii akka deeggartu gaafataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa filannoo fi carraawwan invastimantii Ityoophiyaa keessatti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.