Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan Gaanfa Afrikatti ergamaa addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Gaanfa Afrikatti ergamaa addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Paarfaayit Onaangaa Anyaangaa waliin mari’ataniiru.
Qaamolee lamaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti daawwannaa Komishinarri olaanaan dhimmoota Godaantootaa Filiippoo Giraand naannoo Tigraay buufata baqattoota Eertiraa taasiisan, haala waqtaawaa naannoo Tigraay, hirmaannaa deeggarsa namoomaa naannichatti taasiifamaa jiru, hojii deebisanii dhaabuu fi tattaaffii bulchiinsi yeroo naannichaa naannicha deebisee ijaaruuf taasiisaa jirurratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaam Huseen filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa gaggeessuuf qophii taasiifamaa jiruu fi waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan irratti ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan naannoo Tigraayitti bu’uuraalee misoomaa garee badiin barbadaa’e deebisee ijaaruu fi jireenya lammiilee gara jireenya idileetti deebisuuf hirmaannaa olaanaa taasiisaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.
Gaanfa Afrikatti ergamaan addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Paarfaayit Onaangaa Anyaangaan gama isaaniin mootummaan Ityoophiyaa jila dhaabbata mootummoota gamtoomanii yeroo garaagaraatti gara biyyattii ergamaniif ibsa taasiisaa tureef galateeffataniiru.
Deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti qaqqabsiisuuf tattaaffii mootummaan taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa rakkoo daangaa Ityoo – Sudaan mariin furuuf ejjennoon qabate sirrii ta’uus ibsaniiru.
Mootummaan rakkoolee naannoo Tigraayirratti uumamaniif deebii ga’aa laachuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.