Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reediwaan hogganaa dhaabbata Warshaa Sibiilaa Iikoos waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC)- Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reediwaan Huseen  hogganaa dhaabbata Warshaa Sibiilaa Iikoos  Miister Sheel waliin mari’ataniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti damee invastimentii sibiilaarratti bobba’ee jiraachuu ibsameera.

Dhaabbatichi humna isaa guutuun oomishuu akka danda’uuf mootummaan deeggarsa dabalataa akka taasisuufiif gaafataniiru.

Dabalataan dhaabbatichi abbootiin qabeenyaa Kooriyaa biroo gara Ityoophiyaatti harkisuuf dhaabbilee Misooma Paarkii Indaastiriirratti hirmaatanif ragaa walitti qabaa jiraachuu ibsameera.

Haaluma kanaan Imbaasii Ityoophiyaa See’uulitti argamu waliin hojjechaa turuu eeraniiru.

Gama biraatiin dhaabbatichi Ministeera Qonnaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun Agarsiisa dhaabbilee Kooriyaa gurguddoo hirmaachisu magaala Duukamitti qopheessuuf hojjechaa jiraachuu Miister Sheel ibsaniiru.

Ambaasaaddar Reediwaan gama isaaniitiin, hojii invastimentii dhaabbatichi Ityoophiyaa keessatti hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.