Ambaasaaddar Nabiil itti aanaa preezdaantii Sudaan Kibbaa waliin mari’atan
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2013 (FBC)- Sudaan kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Maahiidii itti aanaa preezdaantii Sudaan Kibbaa Dooktar Jeems Waanii Igaa waliin haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti marii taasisaniiru.
Ambaasaaddar Nabiil hariiroo cimaa biyyoota lamaanii agarsiisuun hojiiwwan misooma biyyoota lamaanii deeggaramu akka qabu ibsaniiru.
Ityoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biyyoota ollaa dabalatee eegalchisuuf karoora isheen qabattee itti aanaa preezdaantichaaf ibsa taasisaniiru.
Dabalataanis adeemsa marii hidha haaromsaa, rakkoo daangaa Ityoo-Sudaan irratti ibsa kan taasisaan yoo ta’u, filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaan karaa nagaan xumuramuus himaniiru.
Dooktar Waanii Igaan hariiroo biyyoota lamaanii calmaan cimsuuf xiyyeeffannoon taasifamuu qaba jedhaniiru.
Filannoon marsaa 6ffaas karaa nagaan xumuramusaaf gammachuu itti dhaga’aamee ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.