Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Naasisee Caalii haala waqtaawaa biyyarratti miseensoota paarlaamaa Kaanaadaa fi hoggantoota dhaabbilee miti mootummaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2013 (FBC)-Kaanaadaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa aadde Naasisee Caalii haala waqtaawaa biyyaarratti miseensoota paarlaamaa Kaanaadaa fi hoggantoota dhaabbilee miti mootummaa waliin viidiyoo konfiraansiin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin ambaasaaddaritti, gareen finxaaleeyyii ABUT biyyattitti nageenyii akka hin jiraanneef jijjiirrama biyyattitti dhufeen aangoo harkaa fudhame deebisee qabachuuf yaaluun kutaa biyyatti garagaraatti hokkora uumaa turu isaa kaasaniiru.
Kanarra darbees raayyaaa ittisabiyyaa Izzii kaabaarratti tarkaanfii inni fudhatee ibsaniiru.

Mootummaan gochaa badii inni raawwateerratti hundaa’uun olaantummaa seeraa kabachiisuun yakkamtoota seeraatti dhiyeessuuf tarkaanfii fudhatee hunda ibsaniiru.

Mootummaan tarkaanfii fudhachuu osoo hin eegaliin duraa rakkoo keessoo mariin hiikuuf tattaaffii taasisaa ture jechuun ibsaniiru.

Taarkanfii mootummaan fudhateen naannoo Tigraayii fi Maqalee dabalatee to’annaa mootummaa jala ooluun hojin yakkama adamsaanii seeraatti dhiyeessuu cimee itti fufuus kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.