Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Muluun daayreektara biyyoota Afrikaa Saaharaa gadii Cheek Rippaablik waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Jarman, Cheek Rippaablikii fi Isloovaakiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Muluu Salamoon daayreektara biyyoota Afrikaa Saaharaa gadii Cheek Rippaablik Niikool Adaamkoovaa waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota hidha haaromsaa, haala waqtaawaa naannoo Tigraay, Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan, Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa fi hariiroo waloorratti Intarneetiin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Muluun Weerara dhibee Covid -19 ittisuuf, tajaajila fayyaa idilee fi kanneen biroof deeggarsa birrii miiliyoona 20 Mootummaan Cheek Ripaablik Ityoophiyaaf taasiise galateeffataniiru.
Hoggantoonni Cheek Rippaabliik gama isaaniin, hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Meeshaalee hargansuu fi damee fayyaa biroo oomishuuf waliigalteen deeggarsa birrii miiliyoona 20 taasiifamuu ibsaniiru.
Jijjiirrama Siyaasaa hoggansa Dooktar Abiy Ahimadiin dhufe kan dinqisiifatan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.