Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuun Itti Aanaa Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itti Aanaa Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Daldala Addunyaa Ambaasaaddar Shiiyaangichiin Zaahing waliin mari’ataniiru.

Hojiilee Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf hojjetaa jirtu ilaalchisee mari’achuu ibsameera.

Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf hojiilee hojjetaa jirtu saffisaan xumuruuf murannoo qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.

Ambaasaaddar Shiiyaangichiin Zaahing, biyyattiin miseensa dhaabbatichaa ta’uuf murannoo agarsiifte dinqisiifachuu ragaan Jeenevaatti Waajjira Ergamaa Addaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.