Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuun Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Ameerikaa Eerviin Joosee Maasiingaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Dhimmoota diinagdee, siyaasaa fi dippiloomaasiirratti mari’achuu ibsameera.

Hariiroo waloo fi naannawaa haala caalmaatti cimsuun danda’amu, akkasumasa dhimmoota daldalaa, Ayiveeshinii, Barnootaa fi tumsa waloo ummattootaa biyyoota lamaanii ilaalchiisee mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Guyyaan hundeeffama hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii waggaa 120ffaa yeroo itti aanu kabajamu  hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf carraa kan uumu ta’uu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf kan hojjetamu ta’uu Ambaasaaddar Maasiingaan himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.