Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuun Daayrektera Olaanaa Fandii Misoomaa Kuwaatar waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Daayrektera Olaanaa Fandii Misoomaa Kuwaatar Kaaliifaa Biin Jaazim Al Kuwaarii waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun, Kuwaatar Itiyoophiyaaf biyya tumsa diinagdee filatamtuu ta’uu ibsaniiru.

Tumsa siyaasaa biyyoota lamaan gidduu jiru gara tumsa diinagdeetti jijjiiruun ummata biyyoota lamaanii fayyaduun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Hariiroo diinagdee biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti cimsuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Hariiroo waloo guddisuu,tumsa babal’isuu fi damee tumsaa biroo cimsuuf waliigalamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.