Saa’uud Arabiyaan hariiroo gamhedduu Itiyoophiyaa qabdu caalmaatti guddisuuf fedhii qabaachuu ibsite
Finfinnee, Sadaasa 23, 2017 (FBC) –Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itti Aanaa Ministira Qonnaa Saa’uud Arabiyaa Ahimad Biin Saaliihii Biin Ayidaahii Al Hamaash waliin mari’ataniiru.
Biyyoonni lamaan haala teessuma lafaan walitti kan dhiyaatan ta’uu isaaniin hariiroo seena qabeessa qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyya damee qonnaan dandeettii olaanaa qabdu ta’uu eeruun, Saa’uud Arabiyaa waliin tumsaan hojjechuun fayyadamummaa waloo damichaa biyyoota lamaanii guddisuu qabna jedhan.
Ahimad Biin Saaliihii Biin Ayidaahii Al Hamaash gama isaaniin, Saa’uud Arabiyaan hojiilee damee Invastimantii Itiyoophiyaatti raawwachaa jirtu cimsitee itti fufti jedhan.
Biyyi isaanii hirmaannaa damee Qonnaa, Daldala Horii Gaanfaa, Gurgurtaa Oomisha Xaa’oo dabalatee dameewwan daldalaa biroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti guddisuuf fedhii qabaachuu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia