Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ergamaa Addaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)-Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Maayik Hamar waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Misgaanuun maricharratti Itiyoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo waggoota dheeraa lakkoofsisan kan qabanii fi biyyoota michuu walii ta’uu ibsan.

Akkasumas nageenya waaraa Itiyoophiyaa gama mirkaneessuun hojiilee gaggeeffamaa jiran ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Biyyoonni lameen dhimmoota waloo ardii fi idil addunyaa irrattis mari’achuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.