Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Dura Taa’aa Mana Maree Daldalaafi Indaastirii Kuwaatar waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Dura Taa’aa Mana Maree Daldalaafi Indaastirii Kuwaatar Sheek Kaaliif Biin Moohaammad Al Taanji waliin mari’ataniiru.
Mariisaaniin tumsa diinagdee biyyoota lameenii daran cimsuun haala danda’amurratti mari’achuu eerameera.
Kana malees dandeettii invastimantii Ityoophiyaafi carraalee jiran irratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Jilli biiznasii Kuwaataar yeroo dhiyootti Ityoophiyaatti daawwannaa hojii akka taasisan waliigalteerra ga’uu ibsameera.
# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.