Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Mallas faayidaa Proojektiin Laamuu Ityoophiyaaf qabu ilaalchisee hojii raawwachiisaa Proojektichaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Mallas Alem faayidaa Proojektiin Laamuu Ityoophiyaaf qabu ilaalchisee hojii raawwachiisaa olaanaa Proojektichaa Miister Isteefan Ikuuwwaan waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Mallas Alem proojektoota bu’uuraalee misoomaa Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa walitti hidhuuf hojjetamaa jiran faayidaa diinagdee biyyoota sadaniif qabu ilaalchisee marii taasiisaniiru.
Proojektiin Buufata Laamuu faayidaa diinagdee biyyoota sadaniif qabu hubachuun proojektoonni kunneen saffisaan akka xumuraman tattaaffii taasiisuu akka qaban Ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Ityoophiyaan Proojektichi akka milkaa’u fedhii fi qophummaa qabaachuu eeraniiru.
Hojii raawwachiisaa olaanaan Proojektichaa Miister Isteefan Ikuuwwaan gama isaaniin ijaarsi Proojektichaa akka ariifatu biyyoonni sadan waloon hojjechuu akka qaban eeruun, qophummaa gama Ityoophiyaan jiru kan dinqisiifatan ta’uu himaniiru.
Proojekticha ariifachiisuuf mariin eegalame akka itti fufu qaamoleen lamaan waliigaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.