Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Mallas Alam DhMG Ityoophiyaatti hojii deebisanii dhaabuu akka deeggaru waamicha taasisan

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) –Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam DhMG Ityoophiyaatti hojii deebisanii dhaabuu akka deeggaru waamicha taasisaniiru.

Ambaasaaddarichi DhMG Daayrektara Yuu Een Haabitaat damee Afrikaa Amaar Siilaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan dameewwan mootummaan Ityoophiyaa fi dhaabbatichi qindoominaan waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Qabiinsa balfa goggogaa, misooma magaalaa, buqqaatota keessaa deebisanii dhaabuu, proojektiiwwan qulqullinaa fi dhimmoota biroorratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Amaar Siilaan dhaabbatichi mootummaa Ityoophiyaa waliin bara 1998rraa kaasee hariiroo cimaa qabaachuu kaasuun hanga ammaatti proojektiiwwan garaagaraaf Doolaara miiliyoona 10 ol Ityoophiyaarratti dhangalaasuu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Mallas Alam gamasaaniin gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Affaaritti miidhaa namoomaa fi qabeenyaa dhaqabsiisuu ibsaniiru.

Tattaaffii dhaabbilee barbadaa’anii fi lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuuf taasifamu dhaabbatichi akka deeggaru waamicha taasisuu ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.