Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Jamaal Bakar daayreektara Ministeera Dhimma Alaa Afroo Isyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC)-Baahireenitti Hoogganaan Waajjira Qonsilaa FDRI Ambaasaaddar Jamaal Bakar Baahireetti daayreektara daayreektooreeti Ministeera Dhimma Alaa Afroo Isyaa waliin haala waqtaawaa biyyarratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Jamaal dhimmoota hariiroo Ityoophiyaa fi Baahireen cimsan siyaasaan, dippiloomaasii, diinagdee, hawaasummaa fi aadaa akkasumaas hariiroo naannoo irraatti daayreektaritti waliin mari’ataniiru.

Dabalataanis Ambaasaaddar Jamaal haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsa laataniiru.

Ibsa isaanitiin mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti fudhateen haala deebisanii dhaabuu fi deeggarsa namoomaarratti ibsa laataniiru.

Hidha Haaromsaa Guddicharratti fayyadamummaan haqaa qabeessaa ta’e akka jiraatuf marii Gamtaa Afrikaatiin gaggeeffama jirurratti falli waaraan akka jiraatu Ityoophiyaan feedhi akka qabdu ibsaniiru.

Gama biraatinis waldhabdee daangaa Ityoo-Sudaan gidduutti muudate furuuf komishiniin daangaa walootin akka furamuuf hojiiwwan hojjetaman irratti ibsa laataniru.

Daayreekatarri Afroo Isyaa Ministeera Dhimma Alaa Baahireen Muunaa Abaas Mahaammad, biyyi isaanii hariiroo naannoo biyyoota lamaanii cimsuuf fedhii akka qabdu kaasaniiru.

Ityoophiyaan Gamtaa Afrikaa dabalatee teessoo dhaabbilee idil addunyaa taa’usheen, hariiroo naannoo fi idil addunyaa calmaan cimsuuf waloon biyyaatti waliin hojjechuuf akka barbaadan ibsaniiru.

Mootumaan Ityoophiyaa olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti fudhatee sirrii kan ta’ee fi mootummaan isaaniis akka deeggaruu ibsaniiru.

Hidha haaromsaa waliin walqabsiisee adda addumaa jiruu fi waldhabdee daangaa Ityoo-Sudaan marii fi karaa nagaa ta’een akka hiikamuu abdii qaban ibsaniiru.

Obsee Waqgaariitin

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.