Ambaasaaddar Jamaal Ministeera Dhimma Alaa Baahireenitti daayreektara daayreektooreeti Afroo Isyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC)- Baahireenitti Hoogganaan Waajjira Qonsilaa FDRI Ambaasaaddar Jamaal Bakar Ministeera Dhimma Alaa Baahireenitti daayreektara daayreektooreeti Afroo Isyaa ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Faaxumaa Abdallaa Aldeen waliin haala waqtaawaa biyyarratti mari’ataniiru.
Marii viidiyoo konfiraansiin gaggeessaniin hariiroo Ityoophiyaa fi Baahireen siyaasa, dippiloomaasii, diinagdee, hawaasummaa fi aadaarratti akkasumas dhimmoota hariiroo naannoo cimsuun danada’aan irratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Jamaal Ityoophiyaatti dhimmoota hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa, daangaa Ityoo- Sudaan, filannoo marsaa gaggeeffamuu jiru akkasumas haala waqtaawaa naannoo Tigraay irratti ibsa laataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.