Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar El-Amiin Sowuuf naga kabachiistotaa Ityoophiyaa Somaaliyaa jiran galateeffatan

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC)- Somaaliyaatti Bakka Bu’aan Addaa Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Mohaammad El-Amiin Sowuuf, loltoonni nagaa kabachiistota Ityoophiyaa, Somaaliyaa tasgabbeessuuf gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.

Loltoota Ityoophiyaa ergama nagaa kabachiisuu Somaaliyaa Baayidawaatti raawwataniif sirni badhaasaa fi geggeessaa bakka hoggantoonni olaanoo Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa argamanitti gaggeeffameera.

Saganticharratti Pireezidaantiin Naannoo Kibba-Lixa Somaaliyaa Abdulaaziiz Hasan Mohaammad, Somaaliyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Muktaar Mohaammad, Ajajaa Humna nama Kabachiisaa Afrikaa Leetenaal Jeneraal, J. Sam Okidingii fi dippilomaatonni biroo argamaniiru.

Somaaliyaatti Bakka Bu’aan Addaa Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar El-Amiin Sowuuf, “Loltoonni Ityoophiyaa Somaaliyaa keessatti nagaan akka mirkanaa’uuf tattaaffii fi kutannoo argisiiftaniif galatoomaa” jedhan.

Bu’uura deeggarsa loltoonni Ityoophiyaa taasisaniin yero ammaa Somaaliyaan shororkeessitoota akka Alshabaab irratti qabsaa’uuf dandeettii olaanaa horachuu ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Muktar Mohaammad gama isaaniin, Ityoophiyaan Somaaliyaa keessatti nagaa kabachiisuuf tattaaffii Gamtaan Afrikaa taasisaa jiru tumsuuf kutannoo qabaachuu dubbatan.

Biyyattiitti naannoleen akka Beey, Baakool fi Giidoo jedhaman ergama nagaa Kabachiisuu Gamtaa Afrikaa jalatti loltoota Itiyoophiyaatiin naannawaa eegamaa turan ta’uu ragaan gamticharra argam ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.