Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Dirribaa Kumaan hoggantoota Ministeera Dhimma Alaa Siwiidinii fi Noorwey waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC) – Ambaasaaddar Dirribaa Kumaan hoggantoota Ministeera Dhimma Alaa Siwiidinii fi Noorwey waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Dirribaan Ministeera Dhimma Alaa Siwiidiniitti itti gaafatamaa qajeelcha Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Iriinaa Shoowungiil Niiyoonii fi Ministeera Dhimma Alaa Noorweyitti itti gaafatamaa qajeelcha Gaanfa Afrikaa fi Afrikaa Lixaa Eeliibeechu Shiwaabee Haansaniif dhimmoota waqtaawaa biyyaalessarratti ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 1.8 oliif deeggarsa namoomaa dhiyeessuu ibsa taasiisaniiru.
Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan ilaachisee ibsa kan taasiisaan yoo ta’u, Sudaan Bulchiinsa Ityoophiyaa gadi lakkiftee yoo baate Ityoophiyaan waldhabdicha mariin furuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Tigraayitti tajaajila deeggarsa namoomaa babal’isuun barbaachisaa ta’uu marii taasiisan keessatti kaasaniiru.
Biyyoonni kunneeniis Ityoophiyaa deeggaruuf qophii ta’uu dubbachuu isaaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.