Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Dirribaa Kumaa Ministirri Deettaa Dhimma Alaa Fiinlaand waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC) – Ambaasaaddarri guutuu Swiidinii fi biyyoota Noordiik Dirribaa kumaa Ministirri Deettaa Dhimma Alaa Fiinlaand Kaay Suweer waliin mari’ataniiru.
Aanga’oonni lameen mootummaan federaalaa duula olaantummaa seeraa naannoo Tigiraayitti adeemsisee fi hariiroo biyyoota lameeniirratti mari’achuu ibsameera.
Ambaasaaddar Dirribaa Kumaa wayita kana mootummaan federaalaa duula olaantummaa seeraa naannoo Tigiraayitti adeemsiseerratti ibsa laataniiru.
Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu xumuramuun walqabatee hojii ijaarsa deebisanii dhaabuu naannoo Tigiraayitti gaggeeffamu Fiinlaandii fi biyyoonni tumsitoota biroo mootummaa Ityoophiyaa cinaa akka ta’an Ambaasaaddar Dirribaa Kumaa waamicha dhiyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.