Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Diinaa Muftii miidiyaalee idil addunyaa teessoo isaanii Sudaan Kibbaa godhataniif dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaa irratti ibsa laatan

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2013 (FBC)-Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii miidiyaalee idil addunyaa teessoo isaanii Sudaan Kibbaa godhataniif dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaa irratti ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Diinaan miidiyaalee idil addunyaa 16 teessoo isaanii Sudaan Kibbaa godhataniif guyyaa har’aa dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaa irratti ibsa kan laatan.
Waldhabdee daangaa Sudaan waliin walqabatee wayita mootummaan Ityoophiyaa olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayitti gaggeessa jirutti waranni Sudaan daangaa Ityoophiyaa seenuun qabeenya lammiilee saamuu fi buqqisuu ibsaniiru.
Gochaa waranni Sudaan raawwate hariiroo biyyoota lamaanii baroota dheeraaf ture bakka kan hin buunedha jedhaniiru.
Waliigalteen bara 1972 biyyoota lamaan gidduutti raawwatame akka hojiirra ooluu Ambaasaaddar Diinaan waamicha dhiyeessaaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.