Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Dammituu Hambisaan Hoggantoota olaanoo Fandii Misooma Qonnaa idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Xaaliyaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dammituu Hambisaan Pireezidaantii itti aanaa fi hogganaa Damee Faayinaasii Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaa Harinaan Daanarii Alvooraadoo waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Dammituun,hojiilee Itiyoophiyaan dameelee Oomisha qamadiin, Ashaaraa Magariisaan, Maaddii guutuun, naannawaa horsiisee Bulaa fi gariin horsiisee bulaaf misooma jallisiin hojjechaa jirtuu fi kannnen biroorratti ibsa taasisaniiru.
Deeggarsi Dhaabbatichaa barbaachisa ta’uu isaan cimee akka itti fufuus gaafataniiru.
Harinaan Daanarii Alvooraadoo gamasaaniin, bu’aaleen Itiyoophiyaan misooma qonnaan galmeessaa jirtu kan dinqisifatamu ta’uu ibsaniiru.
kunis biyyoota Afrikaa fi Addunyaaf biroof akka muxannootti kan fudhatamuudhas jedhan.
Dhaabbanni isaanii deeggarsa damichaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.