Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Alamaayahu Taganuu dura taa’aa koree mana maree dhimmoota idila addunyaa Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Ambaasaaddar Alamaayyahu Taganuu dura taa’aa Koree Mana Maree dhimmoota idila addunyaa Raashiyaa Koonistaantiin Koosaacheev waliin Viidiyoo konfaransiin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Alamaayyahuun haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsa laataniiru.
Torbeewwan lamaan darban keessa haalli naannoo Tigraay daraan fooyya’uu ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa miidhaan tajaajila eegalchiisuuf tattaaffii cimaan taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.
Bulchiinsi yeroo naannichaa tajaajilawwan mootummaa eegalchiisuuf tattaaffiin taasiisu cimee itti fufuu fi deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoo daangaa Ityoo Sudaaniin walqabatee jiru Ityoophiyaan karaa nagaan furuuf murannoo qabaachuu ibsa taasiisaniiru.
Dura taa’aan Koree Mana Maree dhimmoota idila addunyaa Raashiyaa Koonistaantiin Koosaacheev gama isaaniin haala waqtawaaa Ityoophiyaa haalan hubachuu isaanii ibsuun, qormaata biyyatti muudate furuuf Raashiyaan deeggarsa barbaachisu ni taasiifti jedhan.
Rakkoon daangaa Ityoo -Sudaan karaa nagaan furamuu akka qabu kaasaniiru.
Hariiroo daldalaa, Siyaasaa, Diinagdee, aadaa fi dhimmoota namoomaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.