Ambaasaaddar Alam Tsahaay Masarat Ministiri Deettaa Ministeera Dhimma Alaa Yuugaandaa waliin mari’atan
Finfinnee, Eebla 14, 2013 (FBC)- Yuugaandaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Alam Tsahaay Masarat Ministiri Deettaa Ministeera Dhimma Alaa Yuugaandaa Ooriyaam Okaaloo waliin mari’ataniiru.
Marichaan mootummaan sochii naannoo Tigiraay deebisaanii dhaabuu fi adeemsa waliigaltee hidha haaromsaa irratti ibsa laataniiru.
Ministiri Deettaa Ministeera Dhimma Alaa Yuugaandaa Ooriyaam Okaaloo gama isaaniin duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayitti gaggeeffame yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun akka gaarii eeruun, naannicha deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.
hidha haaromsaa guddichaa ilaalchisuun biyyoonni marii furachuu akka qabanis eeraniiru.
Guutinsi hidha haaromsaa marsaa 2ffaa milkiin akka xumuramu ibsuu ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.