Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaadaroota biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee taasifataniif Hidha Haaromsa Guddicharratti ibsi taasifamafi

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) –Ambaasaadaroota biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee taasifataniif Hidha Haaromsa Guddicharratti ibsi taasifamafi.

Ministirri Ministira Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Silashii Baqqalee Hidha Haaromsa Guddicharratti ambaasaadarootaaf ibsa laataniiru.

Ministeera dhimma alaa keessatti adeemsafamaa kan jiru ibsichirratti adeemsa ijaarsaa fi hidhicharratti waliigalteen Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gidduu taasifamaa ture ka’eera.

Hidha Haaromsa Guddichaa biyya kamirrattu dhiibbaa akka hin qaqqabsiifne waltajjicharratti ibsameera.

Ijaarsi Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaa %73 kan ga’e yoo ta’u, baatii Adoolessaa, 2012 irraa eegalee bishaan qabachuu akka eegalu himameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.