Fana: At a Speed of Life!

Amantaa da’eeffachuun qaamolee ajandaa siyaasaa tarkaanfachiisaanirratti waloon qabsaa’uu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Amantaa da’eeffachuun qaamolee ajandaa siyaasaa tarkaanfachiisuuf carraaqanirratti waloon qabsaa’uu akka barbaachisu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiya Girmaa.

Biirichi hojiilee nageenyaa fi misoomaa irratti abbootii dhaabbilee amantaa garaagaraa waliin mari’ateera.

Maricharratti Aadde Liidiya Girmaa akka jedhanitti, dhimmoota keessoo dhaabbilee amantaa mariin furuun danda’amuu gara alaatti baasuun ajandaa siyaasaa wayiita ta’an kan mul’atuudha.

Amantaa da’eeffachuun ajandaa siyaasaa tarkaanfachiisuuf qaamolee carraaqan waloon irratti qabsaa’uu qabna jedhan.

Komishinarri Komishinii Poolisii Magalaa Finfinnee Geetuu Argaawu gama isaaniin, magaalattii jeequuf miidiyaa dabalatee humnoonni keessaa fi alaa sochiilee taasisaaa jiraachuu eeranii, dhaabbileen amantaa wayita rakkooleen mudataniin qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun furuu akka qaban hubachiisaniiru.

Barreessan Olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amataa Finfinnee Taammiraat Abagaaz akka jedhanitti, kaayyoo ijoon dhaabbileen amantaa hundeeffamaniif nageenya labsuu waan ta’eef nageenya mirkaneessuu fi hojiilee misoomaa eegalaman cimanii akka itti fufan taasisuuf gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Marichaanis abbootii amantaa hirmaatan manneen amantaarratti qaamolee tokko tokkoon gochaalee walitti bu’iinsaa tuqatamu, nageenya biyyaa fi magaalattiif jecha dhaabsisuun akka barbaachisu ibsuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.