Fana: At a Speed of Life!

Amala vaayrasii koroonaa

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) –Amala vaayrasii koroonaa

Namni tokko erga vaayrasichi qaama isaa seenee jiddu-galeessaan guyyaa 5faaf-6faatti mallattoo dhukkubaa agarsiisuu eegala.

Haa ta’u malee namoonni tokko tokko turtii gababa guyyaa tokko booda mallattoon dhukkubichaa isaan eegaluu danda’a.

Namoonni tokko tokko ammoo mallatoo dhukkubichaa otoo hin agarsiisin hanga guyyaa 14 turuu danda’u.

Dhukkubni VaayrasiiKoronaa kun dhukkuba salphaa irraa hanga dhukkuba hamaa/ulfaataa ta’e fiduu danda’a.

Mallattoleen heddun isaas kan dhukkuboota sasalphaa akka Qufaa, Uttalloo/Qakkee/ irraa hanga Michii Sonbaa , Sirna hargansuu namaa haalaan dadhabsiisu/dhaabu gahuu danda’u.

Kanaaf namoonni hedduun kan %80 ta’an dhukkuba salphaa ta’een yoo qabaman, isaan %20 ta’an ammoo dhukkubni kun itti hammachuu danda’a ta’a jechuudha.

Isaan dhukkubni salphaa ta’e qaban yaalaaf deeggarsa salphaadhaan torbaan lamaa hanga sadihii keessatti ni dandamatu.

Isaan dhukkubichi itti hammate ammoo yaala ol’aanaa (hanga maashinidhaan harganuu) gessisuun dandamachuu ykn du’uu danda’u.

Inni kun dandamachuuf hanga torbaan sadeetii fudhachuu danda’a.

Biyya keenya keessa meeshaleen woldhaansa jajjaboon akkasii heddumminaan waan hin argamneef worri (Critical) isa ta’e qabaatan carraa gaarii qabaachuu dhabuu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.