Fana: At a Speed of Life!

Amaariffi Afaan Hojii Gamtaa Afrikaa akka ta’u Itiyoophiyaan gaafatte

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Afaan Amaaraa Afaan Hojii Gamtaa Afrika akka ta’uuf gaaffii dhiyeessite.
 
Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaddar Taayyee Atsiqasillaaseen walga’ii idiilee 44ffaa raawwachiistootaa gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisan afaan Amaaraa Afaan Hojii Gamtaa Afrikaa akka ta’uuf gaafataniiru.
 
Gaaffichis Ajandaa Afrikaa 2063 kan walsiimu ta’uu Ambaasaddar Taayyeen kaasaniiru.
 
Dabalataan Afaanoota Afrikaa keessatti dubbataman cimsuuf mul’ata gamtichaa kan madaalu ta’uu eeraniiru.
 
Chaartarri Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii Afaan Amaaraa dabalatee afaanoota Afuriin kan mallattaa’e ta’uu himuu TOI gabaaseera.
 
Afaan Amaaraas Afaan Hojii Gamtaa Afrikaa ta’uun Heddummina Afaanoota Afrikaa simachuu fi eenyummaa waloo kan cimsuudhas jedhaniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.