Fana: At a Speed of Life!

Aljeeriyaatti namoonni 38 ragaa sobaan nama tokko haala suukaneessan ajjeesan adabbiin du’aa itti murtaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Manni Murtii Aljeeriyaa namoota 38 namni dhuunfaan tokko ‘balaa Ibidda Bosonaa qabsiise’ jechuun odeeffannoo dogongoraan haala suukaneessan ajjeesanirratti murtoo du’aa murteessuu ibsame.

Aljeeriyaa kutaa bulchiinsa Kaabiyilii jedhamutti bara Faranjootaa 2021 baatii Hagayyaa balaan Ibidda Bosonaa cimaan muudatee ture.

Wayita balaan kun muudateetti jiraattoonni naannawichaa Ibiddicha dhaamsuuf maloota adda addaa fayyadamaa tura.

Kana hordofee namni dhuunfaan Dijaameel Been Isimaa’eel jedhamu Ibiddicha dhaamsuuf namoota dhama’aa turanitti makamuun tattaaffataa ture.

Yaa ta’uutii nama qajeellummaan dhama’aa ture kana haala hin yaadamneen namoonni itti baayy’atanii Ibiddicha situ qabsiise jechuun reebanii haala suukaneessaa ta’een ajjeesanii turan.

Namoonni kunneen odeeffannoo dogongoraan nama kana badii isaa malee ajjeessuu BBCn gabaaseera.

Nama dhuunfaa kana erga reebanii booda Ibiddicha keessatti darbuun akka gubatu taasiisuu isaanii manni murtichaa ilaaleera.

Dhimmicha hordofee kan ture manni murtii Aljeeriyaa Dhaddacha ooleen namoota 38 irratti murtoo dabarseera.

Shakkamtoota keessaa namoota 38 murtoo du’aan adabeera jedhame.

Dabalataan shakkamtoota biroo dhimmicha shakkaman 29 hidhaa waggaa 3 – 20 itti murteessuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.