Aljeeriyaan Liigiin Arabaa ejjennoo dogoggoraa ijaarsa hidha haaromsaa irratti qabdu akka sirreessitu ibsite
Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan Aljeeriyaa, Yugaandaa, Burundii fi Laayibeeriyaa waliin marii taasisuu ishee dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsaniiru.
Mariin Ityoophiyaan walga’ii mana maree ministeerootaa 39ffaa irratti biyyoota Michuu waliin gaggeessete bu’a qabeessa ta’u Ambaasaaddar Diinaa Muftiin Himaniiru.
Aljeeriyaan hoggantuu Liigii Arabaa Itti aanuu ta’uu isheetiin ejjennoo dogoggoraa liigichi hidha haaromsa guddichaa Ityoophiyaa irratti qabu sirreessuuf mariin taasifamee murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Aljeeriyaas gama kanaan carraa kanatti fayyadamuun ga’ee ishee ba’achuuf qophii ta’uu himuu isaanii Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Biyyoota biroo waliinis dhimma nageenyaa Afrikaa, rakkoo Afrikaaf furmaata Afriikaa barbaaduu irratti mariin gaggeeffamee walii galteerra ga’ameera jedhan.
Dhimmi Ityoophiyaa dhimma keessoo biyyaa ta’uu isaatiin Ityoophiyaan ofii hiikkachuurratti amanuu isaanii himaniiru.
Waliigalaan mariin maddee ministiroota dhimma alaa biyyoota michuu waliin gaggeeffame milkaa’aa fi ejjennoon Ityoophiyaa kan itti mul’ate ture jedhan Ambaasaaddar Diinaa Muftin.
Yidnaqaachoo Hayilamaariyaamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.