Fana: At a Speed of Life!

Aliibaabaa’n Itiyoophiyaatti hojii eegaluufi

Finfinnee, Hagayya 16, 2016 (FBC)-Dhaabbanni daldala elektirooniksii Chaayinaa Gareen Aliibaabaa Itiyoophiyaatti hojii eegaluuf ta’uun ibsame.

Gareen Aliibaabaa, Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi Waldaa ce’umsaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun Itoophiyaatti hojii daldala elektirooniksii eegaluun danda’murratti mari’atameera.

Ministir Deetaan Ministira Tekinolojii fi Innoveeshinii Doktar Yishiruu Alamaayyoo, Aliibaabaan Itiyoophiyaatti hojii jalqabuun daldalli elektiroonikis idil addunyaa gara Itiyoophiyaa akka galu akkasuma kalaqa dijitaalaa fi guddina dinagdeef haala mijataa uumuurratti hojiileen hojjetaman milkaa’oo ta’uu kan agarsiisudha jedhan.

Dabalataan Itiyoophiyaanonni gabaa idila addunyaatti akka hirmaatan kan taasisuu fi Itiyoophiyaan dinagdee dijiataala idil addunyaa keessatti gahee olaanaa akka bahatuuf kutannoo qabdu kan agarsiisuu ta’uu dubbatan.

Gabaa Afrikaatti Daayrekatarri Bizinasii Ali Ekispires Jefiir Jiyaanig dhaabbatichi muuxannoo idil addunyaa gabaa daldalaa Elektirooniksiirratti qabu fayyadamuun walitti hidhamiinsa daldalaa kan hojjetu ta’uu himuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.