Fana: At a Speed of Life!

Alergitoota daldala seeraan alaairratti bobba’anii argaman irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2012 (FBC) – Alergitoota daldala seeraan alaairratti bobba’anii argaman irratti tarkaanfiin fudhatame.

 

Oomishaalee qonnaa daldala alaaf oolu karaa seeraan ala kan erganii fi kuusuun kan to’ataman alergitoota 59 irratti tarkaanfiin fudhatamu Ministeerri Daldalaa fi Industirii beeksise.

 

Ministeerri Daldalaa fi Industirii alergittoonni kunneen gatii idil addunyaa oliin oomisha gabaarraa bituun gurgurtaarratti rakkoo kan qaqaabsiisan ta’uu ibseera.

 

Bu’uuruma kanaan tarkaanfii gurgurtaa oomisha gabaarra ogguruu fi eeyyama isaanii ugguruu fudhachuu Ministirri Deettaan Ministeera daldalaa fi Industirii Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa himaniiru.

 

Ambaasaaddar Misgaanuun Ministeerri Daldalaa fi Industirii komishinii gumuruukaa fi biiroowwan gurgurtaa mootummaa naannoolee waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran eeraniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.