Fana: At a Speed of Life!

Alergitoonni albuuda sona dabaluurratti xiyyeeffachuu qabu jedhame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Alergitoonni albuudaalee gati jabeeyyi albuudaaleerratti sona dabaluun gabaa alaaf dhiyeessuurratti xiyyeeffachuu akka qaban akeekame.

Ministeerri Ministeera Albuudaa Injiinar habtaamuu Taganyi, waldaalee dhiyeesitoota albuudaalee faayaa fi gati jabeeyyii akkasumas oomishtootaa fi alergitoota waliin mari’ataniiru.

Maricharrattis, Itiyoophiyaan albuudaalee faayaa fi gati jabeeyyii gabaa alaaf baay’inaan kan dhiyeessitu ta’us, sharafa alaa damicharraa argamu kan biyyoota biroo waliin yoo walbira qabamu gadaanaa ta’uun eerameera.

Albuudaaleerratti sona dabaluun gabaa alaaf dhiyeessuun hanqina qabaachuu himanii, alergitoonnis sona dabaluurratti xiyyeeffachuu akka qaban akeekameera.

Damichi seeraa fi sirnaan akka hogganamu taasisuuf waldaan cimaan jiraachuu akka qabu eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.