Fana: At a Speed of Life!

Albuudota Oromiyaa keessa jiran adda baasanii beekuun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015( FBC)- Akka Naannoo Oromiyaatti albuudota jiran adda baasanii beekuun danda’amuu Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaa ibse.

Abbaan taayitichaa aangoo isaaf kennametti fayyadamuun gosoota albuudaa adda baasuu, eeyyama kennuufi daldala seeraan alaa albuudarratti gaggeeffamu hambisuuf hojii hojjetameen bu’aan dhufuu Hogganaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaa obbo Bazzuu Waaqbeekaa ibsaniiru.

Albuuda irratti hanga barbaadame bu’aan akka dhufuuf cimanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu gamaaggama taasifameen adda baheera jedhan.

Hanqinaalee kana dura turan maksuun albuunni naannoo Oromiyaa keessatti argamu riifoormiin hogganuun waan barbaachiseef isa kana irratti hojjetamaa jiraachuu obbo Bassuun ibsaniiru.

Eeyyama Albduudaa irratti kennamu ulaagaa barbaachisoo ta’an irratti hundaa’uun kennamuu akka qabuufi qisaasamni akka hin uumamne taasisuuf sanadoonni qophaa’aa jirachuus kaasaniiru.

Daldala seeraan alaa albuuda irratti gaggeffaman ittisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Iddoo albuunni bahutti Fayyadamummaa hawaasaa naannoo sanaa mirkaneessuu fi faalamni naannoo akka hin uumamne taasisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa naannoo Oromiyaa keessatti eeyyama baafatanii hojjetaa jiran eeyyama isaanii caamsaa 9 -12, 2015’tti waliigaltee isaanii akka haaromfataniif kallattiin kaahamuus yaadachiisaniiru.

Yeroo kaa’ame keessatti qaama eeyyama isaa hin haaromfannerratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uus ibsaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.