Fana: At a Speed of Life!

Albuudni waggoottan dhufan madda kaappitaalaa akka ta’uuf hojiilee bal’aan eegalamaniiru – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Albuudni waggoottan dhufan madda kaappitaalaa akka ta’uuf hojiilee bal’aan eegalamuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan himan.

Injiinar Taakkalaa Uumaan sagantaa argisiisaa Albuudaa ‘MINTEX’ har’a eegaleerratti haasawaa taasisaniin, imalaa badhaadhina milkeessuuf dameewwan xiyyeeffanaa kennamee hojiilee bal’aan eegalaman keessaa dameen albuudaa tokko ta’uu yaadachiisan.

Waggoottan darban qabeenya albuudaa Ityoophiyaa utuu hinhubatin damee atakaaroo jedhamaa turuurraan shaqaxoota Ityoophiyaa gadii qaban alaa fichisiisuu fi kaappitaalaa Ityoophiyaaf ta’u ammoo gara alatti baqachiisuun akka ture himan.

Albuudni damee diinagdee Ityoophiyaa cimsuuf abbootii qabeenyaa biyya alaa waliin misoomsuuf mootummaan imaammata albuudaa fi boba’aa bocuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Waaggoottan dhufan dameen albuudaa utubaa imala badhaadhinaa qofa utuu hintaane madda kaappitaalaa akka ta’u itti amanamuun mootummaan ijaarsaa diinagdee heddumminaaf utubaa tokko taasisee xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachu kaasaniiru.

Haalumaa kanaan waggootaan 10’n dhufaan booda damechi yeroo ammaa gumaachaa diinagdeef taasisaa jiru %1 kan hincaalle, %17 gumaacha jedhamee tilmaamama jedhaniiru.

Gadameessi Ityoophiyaa qabeenya albuudaan kan misoomee fi lalisee ta’uu kaasanii damecha bu’aa qabeessa taasiisuuf mootummaan imaammataa fi tarsiimoo bocuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.