Fana: At a Speed of Life!

Albuudni qabnu misoomee dinagdee biyyaaf akka ooluuf xiyyeeffannaan hojjachuu barbaachisa-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)- Albuudalee hedduu qabnu misoomee dinagdee biyyaaf akka ooluu taasisuuf xiyyeeffannaan hojjachuu barbaachisa jedhan Ittaanaan Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Waltajjiin marii dhiyeessii Sookoo (Warqee) irraatti fuulleffate waldaalee oomishitoota Sookoo waliin Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Godinni Gujii fi Booranaa albuudaan kan badhaadhan ta’us sabaaba rakkoolee nageenyaa fi daldala seeraan alaan sochii oomishitootaa fi dhiyeessitoota Sookoo hayyamaan hojjataniirratti dhiibbaa uumuu waldaaleen dubbataniiru.

Mootummaanis sababa rakkoolee nageenyaa fi daldaala seeraan alaatiin saamicha oomisha albuudaa irratti mul’atu furuuf xiyyeefannoon akka hojjatu gaafataniiru.

Obbo Awwaluu Abdiin ibsa kennaniin, oomishtoonnii fi dhiyeessitoonni Sookoo muraasni bu’aa xiqqoo argachuuf jecha qaama seeraan alaatti oomishaa isaanii dhiyeessuurraa akka of qusatan dhaamaniiru.

Rakkoo nageenyaa fi sochii kontrobaandii albuudaa godinalee keessaatti mul’atu furuuf xiyyeefannoon hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Hogganaan Abbaa Taayitaa Albuudaalee Oromiyaa Obbo Tasfaayee Magarsaa gama isaaniin, alseerummaa misooma albuudaa dhabuuf tumsi qooda fudhattootaa akka cimu gaafataniiru.

Lammaa Tasfaayee fi Nagawoo Bizunaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.