Fana: At a Speed of Life!

Albuudatti sona dabaluun omishaalee gabaa alatti erguu eegaluu dhiyeessitoonni ibsan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)-Albuudatti sona dabaluun omishaalee albuudaa gara gabaa alatti erguu eegaluu dhiyeessitoonni albuudaa ibsa.

Argisisni albuudaa 2ffaan Galmaa Barkumeetti gaggeeffamuun itti fufeera.

Argisiisicharratti, dhiyeessitoonni garaagaraa oomishaalee isaanii kan dhiyeessan yoo ta’u, albuudaalee sonni dabalamuun oomishaman gara gabaa gara biyyootaa akka Hindii, Chaayinaa fi biyyoota birootti erguu eegaluu ibsaniiru.

Hojiilee isaanii saffisiisuufis humna nama baratee, hanqina maashinaa fi rakkoolee biroon yoo furaman bu’aa olaanaa argamsiisuun akka danda’amu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Albuudaa Miiliyoon Maatiyoos gama isaaniin fuulduratti oomishaalee albuudootaarratti sona dabaluun gabaa alaaf dhiyeessuuf, maashinoota galchuu, walitti hidhamiinsa gabaa, hubannoo uumuu fi dhiyeessii faayinaansiiratti mootummaan xiyyeeffaannaan kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

Albuudaalee faayaaf olaaniirratti sona dabaluun gara alaatti erguuf waldaalee albuuda faayaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Fuuldurattis damichaan hojiilee bal’aan kan eeggatan waan ta’eef, hojiileen qorannoo cimanii kan itti fufan ta’uu kaasaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.