Fana: At a Speed of Life!

Alaabaa tokko jalatti hiriirree imala badhaadhinaa mirkaneessuuf ni hojjenna – Obbo Eeliyaas Uummataa

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC) – Guyyaan kabaja Alaabaa biyyaaleessaa mata duree ‘Alaabaan Keenya Hedduminaa fi Utubaa Birmadummaa keenyaati’ jedhuun Waajjira Caffee Oromiyaatti kabajameera.

Sirna kabaja guyyaa Alaabaa kanarratti Itti Aanaa Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Uummataa, ,Pireezidantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaa Simal dabalatee miseensoonni Koree Dhaabbii Caffee Oromiyaa fi keessumoonni kabajaa biroo argamaniiru.

Qormaatilee nu mudatan tokkummaa sabdanessummaan qolannee ni ceenaa, Alaabaan biyyi tokko birmadummaafi Bilisummaa ishee kan ittiin mirkaneeffattudha jedhan tti Aanaa Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Uummataa.

Alaabaa tokko jalatti hiriirree imala badhaadhinaa mirkaneessuuf ni hojjenna jedhan Obbo Eeliyaas.

Guyyaan Alaabaa kun guutuu biyyattiitti yeroo 15ffaaf qophii garagaraan kabajameera.

Amartii Tasfaayeertu gabaas.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.