Fana: At a Speed of Life!

Alaabaa keenya jalatti walitti qabamnee tokkummaa sabdaneessummaa Itoophiyaa ni cimsina -TKM

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kabaja guyyaa Alaabaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarseera.

Guyyaan Alaabaa Itiyoophiyaa yeroo 16ffaaf sadarkaa biyyaleessatti mata duree ‘’ Olka’insi Alaabaa Keenyaa, Wabii Tokkummaa Sabdaneessaafi Birmadummaa Keenyaati’’jedhuun kabajamaa jira.

Tajaajiilichi guyyaa Alaabaa sababeeffachuun erga baga ittin isiin gahe dabarseera.

Alaabaan keenya Mallattooo birmaddummaa, Asxaa bilisummaa fi kabajaa keenyaati jedheera.

Alaabaan dhalootarra dhalatootatti kan ce’ee, wareegama lubbuu kaffaluu fi lafee goototaan ta’uu himeera.

Tokkummaa Sabdaneessummaan Itiyoophiyaan kan Ititu hirkatummaa jalaa bilisa yoo baate qofa ta’uu eereera.

Itiyoophiyaan biyya sabdaneessaa hedduu ta’uu eereera.

Aadaawwan, Afaanoota, amantaalee, teessummaa lafaa garaagaraa, haala qilleensaa adda addaa, fedhiiwwan , yaadoota kuufama qabeenyaa hedduu kan qabdu biyya ajaa’ibaa ta’uu kaaseera.

Itiyoophiyaan hedduu taatee takka, tokko taatee hedduu ta’uu ishee himeera.

Guyyaa alaabaa kanas wayita kabajnu wantoota ibsituu Itiyoophiyaa ta’an kanneen hubachuun barbaachisaa ta’uu ibseera.

Dhalootni har’aas, biyya Abbootiin wareegamaan asiin gahan itti fufsiisuu akka qaban dhaameera.

Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.