Fana: At a Speed of Life!

Alaabaa dhiiga keenyaan kabachiifne dafqa keenyaa ol ni kaasna-TKM

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Alaabaa dhiiga keenyaan kabachiifne dafqa keenyaa ol ni kaasna jedhe Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa.

Guyyaan Alaabaa 15ffaan guutuu biyyattiitti kabajamee kan oolu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Wayita guyyicha kabajnu biyya dhiiga keenyaan eegnee tursiisne dhiigaafi dafqa keenyaan cimsuun ta’uu qaba jedheera.

Alaabaan mallattoo biyyaa ta’uu eeruun, gootonni biyyattii alaabicha qabatanii wareegama kaffaluufi waltajjii addunyaarratti injifachuu eereera.

Alaabaan biyyattii chaappaa onnee daa’immanii hanga beektotaa biyyattiirratti chaappeffame ta’uu ibseera.

Alaabaan Ityoophiyaa seenaa waloo kaleessaa, tattaaffii har’aafi abdii borii akkasumas tokkummaa sabdaneessummaa kan of keessaa qabuufi chaappaa eenyummaa biyyattii ta’uu tajaajilichi ibsa isaan kaaseera.

Ityoophiyaan haadha gootota alaabaa ishee qabatanii waggoottaniif birmadummaafi tokkummaa  ishee eeguuf kufanii ta’uu yaadachiiseera.

Yeroo ammaa kanas dhaloota alaabaa ishee qabatanii diinota ishee diiguu dhufan salphisuun ofirraa deebisan kan qabdu ta’uufi dachee leencota gurraachaa ta’uu ibseera.

Diinonni biyyattii dhiyoofi fagoo garee shororkeessitootaa biyya keessaafi alaa waliin qindaa’uun biyyattii diiguuf hanga isaaniif danda’ame imaluu ibsuun, yaaliin isaanii dhiigaafi jabina ijoolleesheen abjuu ta’uu eereera.

Nuti hooggannu malee biyyi haa diigamtu jechuun bakkaa bakkatti walitti bu’iinsa uumuun uummata abdii kutachiisuuf dhagaa isaan hin galagalchine hin jiru jedheera.

Shirri biyya diiguu isaanii dabaree dabareen jalaa fashaloofnaan Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti haleeluun waraana banuu yaadachiiseera.

Kiyyoon kun hundi gootota ijoollee biyyattii kabaja alaabaa isaaniif wareegamaniin galma osoo hin ga’iin fashalaa’uu ibseera.

Keessumaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa naannoleen shororkeessitootaa injifachuun diigamuu biyyaa baraaruu kaaseera.

Dhiigaa isaaniin alaabaa keenyaa kabachiisaniiru kan jedhu tajaajilli kominikeeshinii Mootummaa, kaayyoo diinonii damee hundaan biyyaattii laamshessuu fi diiguu goototaa biyyaattiin hin milkaa’iin hafeera jedheera.

Yaadama “Dhiiga keenyaan eegaa dafqa keenyaan ni bu’uuressina” jedhuun, ijoolleen biyyattii harka tokkoon qonnaa gaggeessaa, harka biraatiin waraanaa biyya isaanii ijaaraa jiru jedhe. Akkasumas diinaa qolachaa, oomishaa midhaanii dachaan dabaluu ibseera.

Adeemsa kanaan Ityoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa oomishuun, piroojektoota biyyaalessaa akka hidha haaromsaa boqonnaa caalutti ceesisuu fi kanneen biroo xumuruun diinota ummataa keenyaa abdii kutachiisuuf ka’an abdii kutachiisaniiru jedhi tajaajilichi ibsasaan.

Kanaanis kabajnii biyyaa fi alaabaa keenyaa olkaafameera; mootummaa fi ummannii ityoophiyaa hojiilee misoomaa cinaatti waraana baname yoo fashaleessan, hayyoonnii fi atileetonnii waltajjiiwwan addunyaarratti miira jaalala biyyattiin ijifattummaa biyya isaanii firaafis diinaafis labsuu ibseera.

Alaabaa olkaasuun mirmirsiisaniiru; biyyarraa darbees Afrikaa boonsuu eereera.

Ityoophiyaan qormaatilee hedduun wayitaa muddamtee jirtu kanatti, diinota ishee qolachaa, hojiilee misoomaa milkaa’inaan gaggeessuu itti fufteetti, birmadummaan nyaata utuu hin jiraatiin birmadummaa biyyaa kabachiisuun ulfaataa waan ta’uuf, qamadii kadhaatiin kabaja alaabaa itti fufiinsaan mirkaneessuun ulfaataa dha jedheera.

Gootonni alaabaa adda waraanaatti dhiigaan kabachiisan, qabsoo misoomaan dafqaa keenyaan olqabnuun hunduu damee bobba’e hundaatti gahee isaa bahachuu qaba jechuun dhaameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.