Fana: At a Speed of Life!

Akkaataa argannoo Ooditiin Birrii deebi’uu qabu miiliyoona 443 keessaa % 11 qofti deebi’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) – Akkaataa argannoo Ooditiin dhaabbiileen 92 Birrii akka deebisan yaadni itti kenname miiliyoona 443 keessaa % 11 qofti deebi’uu ibsameera.

Akkaataa bu’uura Ooditiin dhaabbileen 92 Birrii miiliyoona 443.23 fi Doolaara kuma 23 ol akka deebisan yaadni itti kenname keessaa Birrii miiliyoonni 48 fi kumni 217 qofti deebi’uu eerameera.

Gabaasni raawwii Ooditii Waajjira Muummee Federaalaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaateera.

Akkaataa bu’uura argannoo Oodiitii bara 2014 dhaabbileen 92 Birrii miiliyoona 443.23 akka deebisan yaadni itti kennamus % 11 qofa deebisuu gabaasichaan ibsameera.

Yeroo itti aanu rakkicha qorachuun maallaqni akka deebi’uu fi Itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.