Fana: At a Speed of Life!

Akkaadamiin Aviyeeshin barattootaa leenjisaa ture kuma 1 fi 551 eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Akkaadamiin Aviyeeshin Daandii qilleensaa Ityoophiyaa barattoota leenjisaa ture kuma 1 fi 551 eebbisiise.

Barattoota eebbifaman keessaa 891 dubartoota fi 660 dhiirota ta’uun ibsameera.

Eebbifamtoota keessaa barattoonni biyyoota Afrikaa biroorraa dhufan kan argaman ta’uun eerameera.

Barattoonni har’aa eebbifamanis ogummaa balliisummaa, teekinishaanota, keessumsiistota, maarkeetiingii fi qophii nyaataan kanneen leenji’an ta’uun ibsameera.

Sirna eebbichaarratti Hoji Gaggeessaan Daandii Qileensaa Itytoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu argamaniiru.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.