Fana: At a Speed of Life!

Akkaadaamiiwwan Hoggaansa Afrikaa fi Bulchiinsa Biyyaleessaa Chaayinaa waliigaltee mallattessan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Akkaadaamiin Hoggaansa Afrikaa fi Akkaadaamiin Bulchiinsa Biyyaalessaa Chaayinaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltichas Pireezidaantiin Akkadaamii Hoggaansa Afrikaa Obbo Zaadig Abrahaa, Pireezidaantii Ittaanaan Akkaadamii Bulchiinsa Biyyaleessaa Chaayinaa Pirofeessar Goongi Weebin mallatteessaniiru.

Waliigaltichi wayita gara hojiitti hiikamu hoggantoonni olaanoo leenjii fi qorannoof akkasumas ijaarsa dandeetti guddisuuf deeggarsa kan taasisuu ta’uu TOI gabaaseera.

Obbo Zaadig Abrahaan, waliigaltichi hojiilee Akkadaamii Hoggansaa Afrikaa hoggantootaa ga’oomsuuf hojjetu kan tumsu ta’uu dubbataniiru.

Qamoolee milkaa’ina waliigaltichaaf gahee isaanii bahatanis galatteeffataniru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.