Fana: At a Speed of Life!

Akkaadaamiin Hoggansa Afrikaa Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii waliin hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Bitootessa 3, 2016 (FBC)- Akkaadaamiin Hoggansaa Afrika, Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii Itiyoophyaa fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichas, Pireezidaantiin Akkadaamii Hoggaansa Afrikaa Obbo Zaadig Abrahaa, Daayrektara Ittaanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii Itiyoophyaa Obbo Faasikaa Mollaa fi Pireezidaantii Ittaanaa Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii Itiyoophyaa Aadde Haannaa Waldagabireel mallatteessaniiru.

Sirna waliigaltichaarratti, Obbo Zaadiig akka jedhanitti, waliigaltichi walta’iinsa dhaabbilee gidduu kan cimsuudha.

Misoomni waaraa Itiyoophiyaa akka mirkanaa’uu fi rakkoollee biyyaa fi ummataa furuufis dhaabbileen qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsuu ragaan Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

Waliigaltichi, guddina qabatamaa fiduuf sochii taasifamuuf gahee olaanaa akka qabaatus ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.