Fana: At a Speed of Life!

Akkaadaamiin Ayveeshinii Ityoophiyaa Yuunivarsititti guddate

Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC)- Naannawichatti umrii dheeraa kan lakkoofsise Akkaadamiin Ayveeshinii Ityoophiyaa gara Yuunivarsitiitti guddate.

Yunivarsitichi sagantaa digiriin barnootaa Injiinariingii Eyirniyootikaaliin, Bulchiinsa Ayveeshiniin, Bulchiinsaa Keessumsiistummaa fi Tuuriizimiin akkasumas digirii lammaaffaan Bulchiinsaa Ayveeshiniin akka kennuu beeksiseera.

Hoji Gaggeessaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfiin Xaasoo akka jedhanitti hojiilee babal’isaa fi invastimantii yeroo dheeraa booda akkaadaamichi gara yuunivarsitiitti guddachuun sagantaalee garaagaraan gulantaa digiriin barsiisuuf karoorfachuu ibsaniiru.

Waggoota 65 kan lakkoofsise akkaadamichi sadakaa kana ga’uun bu’uuraa fi imalaa milkaa’aa daandichaa kan argisiisu ta’uu kaasaniiru.

Sadarkaa yuunivarsiitiitti guddachuun akkaadaamichaas humna namaa ga’umsaa fi ogummaa qabu horachuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Daayrektarri Bulchiinsa Yuunivarsiitii Ayveeshinii Kaasee Yimaam gama isaaniin, akkaadaamichi barattoota biyya keessaa ta’e idila addunyaa simatee leenjisuuf karoorfachuu ibsani, kunis guddina seektara Ayveeshinii Ityoophiyaa fi Ardiittiif gumaachaa olaanaa akka qabaatu ibsuu ragaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.