Fana: At a Speed of Life!

Akka seektara hojii fi ogummaatti manneen harka qalleeyyii kuma 1 fi 400 ol ni haaromfamu jedhame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Fayyadamummaan haqa qabeessi akka mirkanaa’uu fi walqabannee guddachuuf, manneen harka qalleeyyii kuma 1 fi 428 akka haaromfaman Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil ibsan.

Haaluma kanaan seektarri hojii fi ogummaan Ganna kana Koolleejjii Poolii Tekinikaa Finfinneen manneen Harka Qalleeyyii 42 fi Naannoo Oromiyaatti ammoo manneen harka qalleeyyi 300 haaromsuuf karoorri qabamuu himan.

Hojiin misooma magariisaa utubaa seektarichaati kan jedhan Aadde Muufaariyaat, fayyadamummaan haqa qabeessi akka mirkanaa’uu fi gamtaan guddachuuf seektarichi manneen harka qalleeyyii kuma 1 fi 428 kan haressan ta’uu dubbataniiru.

Kana malees, maaddii qooduuf saganteeffachuu ibsan.

Hojiilee Gannaa kanaan hanga sadarkaa gadiitti sadarkaa hundaatti manneen duufan ol qabuun, kan bososan cimsuun, kanneen dhimmisan ammoo duuchuun tokkumaa keenyaa ni cimsina jedhan tooraa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.