Akka biyyatti qajeelfamoonni ittisa vaayrasii koroonaa bahaan hojiirra ooluu akka qaban yaadachiifame
Finfinnee, Eebla 1, 2013 (FBC)- Akka biyyatti qajeelfamoonni ittisa vaayrasii koroonaa bahaan hojiirra ooluu akka qaban Waajjirri Eegumsa Fayyaa magaalaa Shaashamannee yaadachiseera.
Magaalichattii hojiirra oolmaa qajeelfamoota kanniinirratti qaamolee hawaasa garagaraa waliin mari’atameera.
Hawaasa keessaatti of dagannaa jiruun guyyaa gara guyyaatti lakkoofsii namoota vaayrasichaan qabamanii dabalaa jiraachuu ibsameera.
Keessumaattu iddoowwan namoonni itti heddummaatanii fi manneen waaqeffannaa keessattis qajeelfamoonni kunniin hojiirra oluu akka qaban itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa magaalichaa obbo Tashoomaa Mahaammad ibsaniiru.
Jaarsoliin biyyaa fi Abbootiin amantaa hawaasa hubachiisurratti jabaatanii akka hojjetan himaniiru.
Magaalichatti qorannoo vaayrasii koroonaa hanga ammaatti namoota 5,115 gaggeeffamee keessaa 825 qabamaniru.
Namoonnii 706 vaayraasiicharraakan dandamatan yoo ta’u, 106 yaalii cimaa keessaatti argamuu jedhameera.
Waliigala Lubbuun namoota 18 darbeera.
Kanneen qoratamaan keessaa % 16 vaayrasichaan qabamaniiru.
Hawaasni haguugduu afaanii fi funyaanii, fageenyaa qaama akka eeggatuus obbo Tashoomaa Mahaammad ibsaniiru.
Lammaa Tasfaayeetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.